Waajjira Eegumsa Fayyaa Magaala Yaaballoo

Waajjira Eegumsa Fayyaa Magaala Yaaballoo Fayyaan Faaya

 Arjooma Dhiigaa Guyyaa Hardhaa Magaala Yaaballootti Gaggeefameen Gootota Keenya Pooliisii Magaala Keenyaa Hojjiiwwwaan ...
27/08/2026


Arjooma Dhiigaa Guyyaa Hardhaa Magaala Yaaballootti Gaggeefameen Gootota Keenya Pooliisii Magaala Keenyaa Hojjiiwwwaan Nageenyaan Cinaatti Hojjii Misoomaaf Tolaa Ooltummaa Garaagaraa Hojjachuun Kan Beekkaman Ammaasi Akkuma Baratame Miseensonni Poolisii Magaala Keenya Dhaadannoo ''Dhiigaa Bakkaa Bu'uu Arjoomuuni Lubbuu Bakka Hin Buune Haa Baraarru'' Jedhuun Arjooma Dhiigaa Taasisanii Jiru.

‎Gamaaaggamni Waajjira Fayyaa Magaala Yaaballoo Bakka Kantiiban Magaala Yaaballo Argamaniti Bifa Nama Hawwatuun Xummuram...
09/08/2026

‎Gamaaaggamni Waajjira Fayyaa Magaala Yaaballoo Bakka Kantiiban Magaala Yaaballo Argamaniti Bifa Nama Hawwatuun Xummuramee jira.
✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️
‎Hojjiileen Baraa 2018 Hojjatamaa Turan Akkasumasi Karoori Bara 2019 Erga Dhihaateen Boodaa Mariin Baldhaan Kan Irraatti Taasifame Yoo Tahu. Kabajamoo Kantiibaa Magaala Yaaballootiin Dhaamsaafi Kallattiin kaahameera. Akkasumaasi Gaaffii Ogeesota Fayyaa Irraa Ka'an Hundaa Deebii Kennuuni Tokkumaaf Miirii Waldhageetti amma Jiru Akkasumaan Ittii Fufee Cimuu Akka Qabuf Yeroo Iittii Aanuf Milkaa'innaa Kana caala Galmeessuuni Akka Ittii Fufuu Dhaamani Jiru.
Qaamoleen Gamaagama Kana Irratti Hirmaatani
✍️Waajjiraa Kantiibaa
✍️Manajimattii Waajjiraaf Buufata Fayyaa
✍️Ogeessota Waajjiraaf Buufataa
✍️Hojjattoota Ekistenshinii Fayyaa Hundaa Kan Hirmaatan Yoo Tahu
Dhuma irratti Keellawwan Fayyaa, Raawwii ol'aanaa galmeessaniif badhaasaa fi beekkamtiin adda addaa kennamee jira. Haaluma kanaan:
‎✍️, Buufata fayyaa Magaala Yaaballootiif hojii irraa oolma PBF fi Kenna Tajaajilaan fooyyee Agarsiiseen Beekkamtiin kennameera:
‎Badhaasaa fi beekkamtiin kenname kennaa tajaajila fayyaa caalmaatti fooyyeessuuf kan kennamee tahuu I/G Waajjiraa Fayyaa Magaala Yaaballoo Sr. QABALLEE JAATANII Himan.
Dhuma Irraatti Karoora Bara 2019 Gandaaf Buufata Waliin Walii Mallattessun Akkasumas Waajjiraaf Buufataa Jidduuttis Walii Maallatteessuun Wali Irraa Fudhachuun Xumuramee Jira.

Badhaadhina Boorana Magaala Yaaballoo
Fayyaan Faaya
Komunikeeshinii Magaala Yaaballoo
Oromia Health Bureau
Waajjira Fayyaa Godina Booranaa
Borena Zone Health Office
Borena zone
@

Bagaa Gammadani Bagaa Walumaani GammanneeWaaajjiraa Fayyaa Magaala Yaaballoo Shaanpion Bara 2018 Tahe.🏆🏆🏆🏆🏆🏆🏆🏆🏆🏆🏆🏆🏆🏆🏆Waa...
27/07/2026

Bagaa Gammadani Bagaa Walumaani Gammannee

Waaajjiraa Fayyaa Magaala Yaaballoo Shaanpion Bara 2018 Tahe.

🏆🏆🏆🏆🏆🏆🏆🏆🏆🏆🏆🏆🏆🏆🏆

Waajjiraa Fayyaa Godina Booranatti Konfiraansii Fayyaa Walii Galaa Bara 2018 Taasifameen Waajjirrii Fayyaa Magaala Yaaballoo Sadarkaa 2ffaa Tahuun Badhaasa Mootoraa 200 CC Fi Geebaa Akkasumasi Waraqaa Beekkamttii Argachuuni Badhaafamaa Yoo Tahuu. Buufannii Fayyaa Magaala Yaaballoosi Buufatawwaan 34 Afur Keessa Sadarkaa Afuraffaa Bahuun Waraqaa Beekkamtii Kan Argattee Yoommuu Tahu Jijjiirama Sadarkaa Buufataa Dhufeesi Bifaa Addatti Kan Jajjaabeeffame Tahuuni Bara hojjii 2018ti Buufataalee Jijjiirama Addaa Fidan Keessaa Tokko Tahe Jira.

Koree Qindeesituu Magaala Keenyaa Hundaa Deeggarsa Seektera Fayyaa Taasifameen Gahee Guddaa Kan Bahaa Turan Yoommu Tahu Kantiibaa Magaala, I/A Kantiibaa Akkasumasi Waajjiraa Paartii Badhaadhinna Magaala Yaaballoo Kuni Bu'aa Hordoffii Hojjii Keessani Yoommu Tahu Xiyyeeffannaa Seektera Fayyaatiif Kennitaniif Galatooma Isiniin Jenna.

Akkasumasi Oggeyyiin Fayyaa Hundaa Waajjiraa Irraa Kaasee Hangaa Gandaatti Jirani Hundaa Galata Guddaa Qabdani.

Kanuma Bu'uura Godhachuudhaani Hogganttuun Waajjiraa Fayyaa Magaala Yaaballoo Sr. Qaballee Jaatanii Akka Jedhaniitti Qamoleeni Sadrakaan Jirtani Hundaa Asi Keessatti Gahee Oolaanaa Baha Turtan Baga Gammadani Jechuuni Kan Dhaamani Yommuu Tahu Bara Dhufuufi Bu'a Kana Caaluu Galmeesisuuf Hojjachuu Akka Qabnu Dhaamani Jiru. Jiraatootni Magaala Keenyasi Bagaa Gammadani Bagaa walumaani Gamannee.

Hoojjatoonni Waajjiraa Bishaan Godina Booranaa Hundii Arjooma Dhiigaa Taasisan.🚑🚑🚑🚑🚑🚑🚑🚑🚑🚑🚑🚑🚑🚑Godina Booranaa Magaala Yaa...
18/07/2026

Hoojjatoonni Waajjiraa Bishaan Godina Booranaa Hundii Arjooma Dhiigaa Taasisan.
🚑🚑🚑🚑🚑🚑🚑🚑🚑🚑🚑🚑🚑🚑
Godina Booranaa Magaala Yaaballootti Hojjii Tajaajila Lamummaa Jalqabamuun Hojjiiwwaan Garaagaraa Hojjatamaa Jiraachun Nii Beekkama.
Kanuma Sabaabeffachuudhani Hojjatootnii Waajjiraa Bishaanii Godina Booranaa Hundii Arjooma Dhiiga Taasisani Jiru. Hagganttuun Waajjiraa Fayyaa Magaala Yaaballoo Sr. Qaballee Jaatanii Hojjatootni Waajjira Biishanii Godina Boorana Hundii Keessani Galatooma Dhiiga Bakkaa Bu'uu Danda'u Arjoomuun Lubbuu Bakka Hin Buune Bararuufi Gahee Keessan Waan Baataniif Maqaa Kiyyaaf Maqaa Waajjiraatiin Isin Galateeffanna Jechuuni Ergaa Galataa Dabarsanii Jiru.

Mariin Karoora Ishuuraansii Fayyaa Hawaasaa Gaggeeffamaa jira‎    Godina Booranaa Magaalaa Yaaballootti "Mariin Karoora ...
14/07/2026

Mariin Karoora Ishuuraansii Fayyaa Hawaasaa Gaggeeffamaa jira
‎ Godina Booranaa Magaalaa Yaaballootti "Mariin Karoora Ishuuraansii Fayyaa Hawaasaa" Gaggeeffamaa Jira.

‎ Marii Karoora Kana, Kan Haasan Banan Itti_aanaa Kantiiban Magaala Yaaballoo Aabba Yuusuf Galgaloo Taajajilli Ishuuransii Fayyaa Hawaasni Harkaa Qalleeyyii Keenya Hedduu Faayyadamaa Taasiseera Jedhan. Hawaasni Akkuma Kaleessaa Miseensa Ishuuransii Fayyaa Hawaasaa Ta'uun, Hawaasa Keenya Deeggaru Qaba Jechun Dhaaman.

‎ Itti gaafatamtun Waajjira Fayyaa Magaalaa Yaaballoo Sr. Qaballee Jaatanii, Karoora IFH Akka Magaalatti Qabame Milkeessudhaaf Qaamoleen Hundi Qindoominnan Socho'u Qaban Jechuun Himan.

‎ Marii Karooraa Kanarratti Raawwiin Ishuuransii Fayyaa Hawaasaa Bara 2018 fi Karoorii IFH Bara 2019 Waajjira Fayyaa Magaalan Dhiyaachun Mariin Gaggeeffameera.
‎ Mariii Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa Kanarratti Hoggansa Magaalaa, Caasaleen Gandoota, Faayyadamtoota IFH, Ogeeyyota Fayyaa fi Eksteeshiniin Magaalaa Hirmataniiru.

 ✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️Godina Booranaa Magaalaa Yaaballootti koreen Bordii fayyaa Raawwii Hojii bufata fayyaa magaalaa...
04/07/2026


✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️
Godina Booranaa Magaalaa Yaaballootti koreen Bordii fayyaa Raawwii Hojii bufata fayyaa magaalaa Yaaballoo hanga ammaa Qorate.

Sagantaa gamaaggama raawwii hojii Kurmaan 4ffaa kana irratti Itti Aanaan kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Yaaballoo Obbo Yuusuufi Galgaloo argamuun sadarkaa Hojiin irra jiru Gad-Fageenyan Gamagamuuni Iddoowwaan Ciminna Qaban Jajjaabessuun Iddoo Hanqinna Jirutti Kallattii Hojjii Garaagaraa Ka'anii Jiru.

Sagantaa Qorannaa Hojii kanaanis Raawwii Hojii bufata fayyaa hanga ammaa irratti Gadi fageenyaan Ergaa mari'atameen booda iddoo ciminni jiru jajjabeessaa iddoo hanqinni jiru foyyeessuuf Akka hojjatamu kallattiin Hojii itti Aanuu keennameera.
Dhummarrattis, kutaalee hojii ilaaluun goolabameera.

Dhugaadha, Hawaasa fayyaa Qabeessa horachuu fi Kenna Tajaajila fayyaa foyyeessuu keessatti Gaheen koree Bordii fayyaa murteessaadha....!!!

  4fffaaGodina Boorana Magaala Yaaballootti Sagantaa Muuxannoo Wal Jijiiruu ykn    Cluster Dikale Buufata Fayyaa Magaala...
02/07/2026

4fffaa
Godina Boorana Magaala Yaaballootti
Sagantaa Muuxannoo Wal Jijiiruu ykn Cluster Dikale Buufata Fayyaa Magaala Yaaballooti Gagheeffame
Waxabajjii 25,2018

Tajaajila fayyaa si'ataafi qaqqabamaa ta'e kennuun cinatti iddoo hojii hawwataa taasisuun kenniinsa tajaajila fayyaa keessatti shoora ol'aanaa kan qabu yoo ta'u, kana milkeessuufis hojiiwwan bal'aan muuxannoof ooluu danda'an hojjetamaa jiru.

Kanaanis, hawaasa fayya buleessa adda durummaan hojiiwwan misoomaafi nageenyaa keessatti hirmaatu gochuuf, tattaaffiin bal'aan tajaajila fayyaa fooyya'aa ta'e akka babal'atus xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jira.

Bu'uuruma kanaan, Buufata Fayyaa Magaala Yaaballootti ykn muuxannoo wal jijjiirraa kun Itti Gaafatamtootni Seektera Fayyaa Aanaa yaaballoo,Aanaa Goomolee fi Magaala Yaaballoo fi Direkteroota Buufata Fayyaa argamanitti gaggeeffamee jira.

I/Gafatamtuun Waajjiraa Fayyaa Sr. Qaballee Jatani ( Kabale Jatani ) haasaa Taasisaniin fayyadamummaa hawaasaa Keennaa mirkaneessuuf hojiin jajjabeessaan hojjetamaa jiraachuu ibsuun innis iddoo hundatti akka babal'atu gochuu qabnas jechuuni Ibsanii Jiru.
Dhuma Irraattis Dhabbiif Kunuunsa Biqiltuu Taasisuun Xumurame JIra.

    🙏🙏🙏    Godina Booranaa Magaalaa Yaaballootti Yaa'ii Buusaa Gonofaa irratti Hoggansa fi Hojjattootni Mootummaa Magaal...
02/07/2026



🙏🙏🙏
Godina Booranaa Magaalaa Yaaballootti Yaa'ii Buusaa Gonofaa irratti Hoggansa fi Hojjattootni Mootummaa Magaalaa Yaaballoo Darzaana 100/dhibba tokko arjooman kennan. Dabalaataniis arjoomaniiru.

Hojiin tajaajila lamummaa magaalaatti ifaatti eegalamusa koreen ibsaniiru.

Hojjatootni   Fayyaa Magaala Yaaballoo Deeggarsa Yaalaa    Qarshii 50,000 Gumaachani✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅Hojjatootni   Fayyaa ...
12/06/2026

Hojjatootni Fayyaa Magaala Yaaballoo Deeggarsa Yaalaa Qarshii 50,000 Gumaachani
✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅
Hojjatootni Fayyaa Magaala Yaaballoo Yeroo Garaagaraa Deeggarsa Obboleessa Keenna Bereket Duubatiif Taasisaa Turuun Nii Beekkama.
Ammaasi Qindeeessummaa Director Buufata Fayyaa Obboo Deeggarssa Qarshii 50,000 Taasisanii Jiru. Deeggarsii Kuni Hanga Obboleessi Keenna Yaalii Gaha Argatutti Kan Ittii Fufee Tasifamuuf Taha. Akkasumasi Jiratootni Magaala Keenya hundii Deegarsa Yaalaa Bereket Duubatiif Deeggarsa Namooma Akka Gootaniif Kabajaani Isiniif Dhaamna.
CBE Account:,- 1000760870092 (Guyo and Kiyya and Bulee)

Hojjatootni Waajjiraa Fayyaa Magaala Yaaballoo Deeggarsa Yaalaa    Qarshii 50,000 Gumaachani✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅Hojjatootni W...
11/06/2026

Hojjatootni Waajjiraa Fayyaa Magaala Yaaballoo Deeggarsa Yaalaa Qarshii 50,000 Gumaachani
✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅
Hojjatootni Waajjiraa Fayyaa Magaala Yaaballoo Yeroo Garaagaraa Deeggarsa Obboleessa Keenna Bereket Duubatiif Taasisaa Turuun Nii Beekkama.
Ammaasi Qindeeessummaa Hogganttuu Waajjiiraa Fayyaa Sr. Kabale Jatani Deeggarssa Qarshii 50,000 Taasisanii Jiru. Deeggarsii Kuni Hanga Obboleessi Keenna Yaalii Gaha Argatutti Kan Ittii Fufee Tasifamuuf Taha. Akkasumasi Jiratootni Magaala Keenya hundii Deegarsa Yaalaa Bereket Duubatiif Deeggarsa Namooma Akka Gootaniif Kabajaani Isiniif Dhaamna.
CBE Account:,- 1000760870092 (Guyo and Kiyya and Bulee)

Address

Yabelo

Telephone

+251464460888

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waajjira Eegumsa Fayyaa Magaala Yaaballoo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share