Waajjiira Abbaa Alangaa Bulchiinsa Magaalaa Baatuu

Waajjiira Abbaa Alangaa Bulchiinsa Magaalaa Baatuu Waajjira Abbaa Alangaa Bulchiinsa Magaalaa Baatuu

27/08/2026

kenname qaamooleen Yakka raawwatame kana irratti Olaantummaan seeraa akka kabajamu gahee ol'aanaa taphattan hunduu galataa guddaa qabdu Galatoomaa

26/08/2026
26/08/2026
IBSA GADDAA😭😭=====//======Godina Shawaa Bahaatti Abbaa Alangaa Bulchiinsa Magaalaa Baatuu kan turanii fi yeroo ammaa Abb...
03/08/2026

IBSA GADDAA😭😭
=====//======
Godina Shawaa Bahaatti Abbaa Alangaa Bulchiinsa Magaalaa Baatuu kan turanii fi yeroo ammaa Abbaa Alangaa Aanaa ATJK ta'anii ummata isaani kaka'umsa fi itti gaafatamummaa Ol'aanaadhan kenna Tajaajila Haqaa ummata isaanitiif kennaa kan turan obbo dhibee tasa isaan muudateen halkan gaafa guyyaa 26/11/2018 tti du'aan Addunyaa kana irraa boqataniiru. Waajjirri Abbaa Alangaa Bul.Mag.Baatuu du'aan Adunyaa kana irraa boqachuu isaanitif gaddi guddaan kan itti dhagahame ta'uu ibsaa,Lubbuun isaaniitif jaannata, hiriyyoota, maatii fi firoottaan isaanii hundaaf jajjabina hawwa.RIP😭😭😭

23/04/2026
     šŸ‘‰Himatamaan bu’aa Boba’aa Beenzila seeraan alaa geejjibuun himatame hidhaa cimaa fi maallaqaan adabame  (Ebla 15/20...
23/04/2026


šŸ‘‰Himatamaan bu’aa Boba’aa Beenzila seeraan alaa geejjibuun himatame hidhaa cimaa fi maallaqaan adabame
(Ebla 15/2018,Baatuu)
⭐Himatamaa Abdii Reediwaan Muhaammad jedhamu konkolaachisaa ta’ee sanada seera qabeessa dhimma fe’ee geejjibaa jiruun walqabatu osoo harkatti hin qabatin gaafa guyyaa 07/05/2018 halkan keesssaa tilmaama sa’aa 9:00 yoo ta'u Bulchiinsa Magaalaa Baatuu Ganda Aabinee iddoo addaa daandii saffisaa jedhamee beekamutti konkolaataa fe’uumsaa ā€œIsuzuā€ lak.gabatee 3-B39326 AA ta’een bu’aa boba’aa beenzila roottoo 28 ( liitira 6,400) kan qarshii 827,136(kuma dhibba saddeetiif kuma digdamii torbaa fi dhibba tokkoof soddomii jaha) ta’e fe’ee kallattii Magaalaa Finfinnee irraa gara magaalaa Baatuu osoo konkolaachisu to’atamee dhimmi isaa garee qorannaa Qajeelcha Poolisii fi Abbaa Alangaa Magaalaa Baatuun erga qulqullaa’ee booda himatamaan ragaa seera qabeessa osoo hin qabaatin geejjibaa turuun waan adda baheef labsii Bittaa fi Gurgurtaa Bu’aalee Boba’aa lak 1363/2017 kew.25(5) jalatti himanni hundaa’ee dhiyaachun falmii irra kan ture yoo ta’u,ragaan Abbaa Alangaas akkaatuma himannaan kan irratti mirkaneessanii fi himatamaanis waan of irraa hin ittisneef Manni Murtichaa dhaddacha gaafa guyyaa 14/08/2018 oolen hidhaa cimaa waggaa 2f Baatii 3 fi Qarshii 350,000(kuma dhibba sadii fi kuma shantamaa)’n akka adabamu murteessee jira.
šŸ„‡Adabbiin kenname akka raawwatuu fi ciraan qabame Beenzilli gurguramee Qarshiin 827,136 mootummaan akka dhaalamu(mootummaaf galii akka ta’u) ajajni darbee jira.
šŸ‘ŒKanaaf,Badhaadhina hin malle argachuuf hojiin seeraan alaa raawwatamu guddina biyyaa irratti gufuu kan ta’uu fi qaala’iinsa jireenyaa kan hammeessu ta’uu beektanii hojii seeraan alaa irraa of qusachuun qaama hojii seeraan alaa raawwatu yoo jiraate immoo akkuma kanaan duraa qaamolee nageenyaa fi haqaatti eeruu kennuun akkasumas ragaa bahuun hojii seeraan alaa raawwatamu waliin taanee akka ittifnun dhaamsa Keenya

Address

Ziway

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waajjiira Abbaa Alangaa Bulchiinsa Magaalaa Baatuu posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Waajjiira Abbaa Alangaa Bulchiinsa Magaalaa Baatuu:

Shortcuts

Share