Damma Hadhaa’aa

Damma Hadhaa’aa The only true worshiper is Allah!

💔
01/01/2025

💔

Haadha❤️
♦ Baay'ee nama dinqa 😢❤️

Kirkirri lafaa Jaappaan keessatti mudate booda gareen hojjattota lubbuu bararuu mana diigame tokko keessa seenuun reeffa dubartii tokkoo argani.

Dubartiin jilbeenfattee jirti; Qaamni ishee gara fuulduraatti jilbeeffatee, harki ishee lamaan waan tokko irratti hafe jira. Manni jige dugdaa fi mataa ishee irratti kufe.

Hogganaan garee lubbuu baraarsaa kun reeffa dubartii kanaa bira ga'uuf qaawwa dhiphoo dallaa keessa jiruun harka isaa dubartii kana irra kaa'e.

Dubartiin sun lubbuun jiraachuu dandeessi jedhee abdate. Haa ta'u malee qaamni ishee qorraa fi jajjabina qaba. Kanumaan du'uun ishee hin oolu jedhee tilmaame darbee....

Inniifi gareen hafe mana dubartii sanaa ba'anii gamoo itti aanu sakatta'uuf deeman.

Garuu hogganaan garee shakkamee ammas gara mana dubartii lubbuun dabarte saaniti deebi'e.

Ammas jilbeenfatee, harka isaatiin naannoo xiqqoo reeffa jala jiru ilaalle waan tokko argate.

Hogganaan garee lubbuu baraaru akka tasaa iyye, “Daa’ima! Mucaan jira! " jedhe

Daa'imni dhiiraa ji'a 3 reeffa haadha isaa jalatti firaasha daratiin marfamee jira.

Dubartiin kun ilma ishee oolchuuf aarsaa isa dhumaa akka kaffalte ifaadha.

Yeroo manni ishee irratti jigu qaama ishee guutuu daa'ima ishee gubbaa kaa'attee lubbuu isaa olchufi ofi jalatti qabde jirti.

Hogganaan garee sanaa daa'ima sana fuudhee daa'ima sana yommuu ilaaluu mucaan sun nagaa rafaa ture.

Gareen yaalaa daa'ima kana qorachuuf ariitiin kan ba'an yoo ta'u, yeroo firaasha sana banan firaasha sana keessaa bilbila harkaa argatani.

Ergaa barreeffamaa iskiriinii mobaayilaa irratti dubbisan.

"Yoo lubbuun hafte yeroo hunda akkan si jaalladhu yaadadhu" jedha.

Imimmaantu na huudhe!
Jaalalli haati mucaa isheef qabdu akkana!!

(miidiyaa hawaasaa irraa kan argee)

Obsaan Dubisii!🙏 Dhugaan Ni Hadhaa’aa !!IRREEECHI AYYAANA EENYUUTI? AKKAMITTI EEGALE?Ayyaannii Irrechaa Maali?Irrecha je...
22/09/2022

Obsaan Dubisii!🙏 Dhugaan Ni Hadhaa’aa !!

IRREEECHI AYYAANA EENYUUTI? AKKAMITTI EEGALE?

Ayyaannii Irrechaa Maali?Irrecha jechuun Hikkaan Isaa gabbaruu ykn Ibaadaa godhuu jechuudha.Hikkaa Isaa kanarraa wanni hubannu Ayyaanni kun ayyaana Ibaadaa itti godhan, kan galata Rabbirraa itti barbaadan tahuu Isaati. Fagoo osoo hin deemne hikkaa Isaa qofarraa ka’uun Muslimootaaf ayyaana tahuu akka hin dandeenye beekuun ni dandahama.• IRREECHA KABAJUUN EEYSATTI? AKKAMITTI EEGALE?Ayyaanni Irrechaa Haroo Arsadii je’amu kan magaalaa Bushooftuutti argamu biratti kabajamuu jalqabe.Sababaan jalqaba Ayyaana kanaa akka himamutti Namni Arsadii Je’amu kan Gosa Oromoo Liiban akka malee rakkatee guyyaa 8 Haroo amma maqaa Isaatiin yamamu kana biratti Waaqa kadhataa jiraate. Osoo hin nyaatiin Osoo hin dhugin jiraachuun Isaatis ummata dinqisiise. Maanguddoon Gosaa waliitti qabamanii bakka san bakka Ibaadaa “Gabbartii” Ykn Waaqeefannaa akka taatu murteeysan. Akkasitti Haroonis Haroo Arsadii taatee bakkittis bakka Ibaadaa ykn Waaqeefannaa taate.Irrechi akkatti jalqabe. Arra Aadaa Oromummaa namaaf mirkaneeysu godhuuf Waaqefatoonni dhagaa hin kaafne hin qaban.•

IRRECHI AMANTII MOO MAALI?Irrechi jalqabuma hikkaa Isaarraa eegalee hanga arraatti Waaqeefattoonni Waaqa Isaan gabbaran waliin hidhaa jabeeyfachuuf, gabbaruuf, kadhachuuf, farfachuuf Irreecha godhan.Wanni kun Aadaa Osoo hin tahin amantii taheeti eegale. Warri eegales galata Waaqaa barbaada eegalan. Wanni Rabbirraa galata itti barbaadan hundi Ibaadaa je’ama.Aada jechuunis waan Ilmi namaa uumee irratti waliif gale jechuudha. Aadaan amantii tahuu dandaha. Waaqeefatummaan Aadaa fii amantiidha. Aadaa tahuun Isaa Ummataatu uume, Amantii tahuun Isaa galata Rabbirraa itti barbaaduudha.Ayyaana Waaqa itti gabbaran jennee fudhannus akkaataan Muslimni Rabbi itti gabbaruu fii itti kadhatu Tartiiba mataa Isaa qaba.

Waan Karaa Quraanaa fii Hadiisaan Ibaadaa tahee hin dhufin akkamitti daleeynee galata Rabbirraa barbaanna? Kanaaf Ayyaanni Irrechaa Ayyaana Keenyaa miti. Amantii If dandeeyse qabna!• IRRECHA AKKAMITTI KABAJAN? EENYUU KABAJA?Irrecha kan kabaju Oromoo Amantii Waaqeefataa hordofan kan naannoo Bushooftuu Jiraatan tahus booda warri Waaqeefattummaa malee Oromoon amantii biraa qabaachuu hin qabdu je’an Ayyaana kana aadaa Oromummaa fi Mallattoo Oromummaa fakkeeysanii biyya keessaa fi alatti ni kabajan.Kan biyya alaa akka itti kabajamu beeku baannus kan biyya keessaa akka itti kabajamu barreeyfamee jira.“Abbaa Qaalluu” jechuun namni yaamamu akka Imaamaa ykn gaggeeysaatti Gabbartii Waaqaaf godhan Irrecha tartiibaan ni qajeelcha.Ayyaannii Irrechaa Asaba Raggaasaa akka Ibsituu “Ayyaana Oromoo fii Waaqa Walitti hidhu kan Waaqa waan dabreef galatoomfatanii waan dhufuuf Waaqa itti kadhatan” jechuun dubbata.Ayyaanni Irreechaa Oromummaa kan mirkaneeysuu akka tahee fii kan Oromoota hundaa akka tahes Barreeysaan Asaba Raggaasaa jedhamu Barruu Isaa “Irrecha: From Thanksgiving Ritual to Strong Symbol of Oromo Identity” jechuun Ibsee jira.Akka barreeysaan kun jedhutti Ayyaanni Irrechaa Ayyaana Waaqaaf galata itti galchanii fii Malattoo Oromummaa guddoo jechuun dubbata.Irreecha namni kabaju Oromummaan Isaa shakkii hin qabuu, namni Ayyaana kana hin kabaju je’u Mallattoo Oromummaa gudditti dide jechuudha akka Isaan jedhanitti.•

IRREECHI MUSLIMAAF MAALI?Akka gubbaatti Ibsuuf yaale Jarri Ayyaana kana Kabaju Ayyaana kanarratti Waaqaaf galata galchina, Waan ful duraa Waaqni akka nuuf tolchu kadhanna, Hiidhaa Waaqaa fii nu jidduu jirtu jabeeyfanna jechuun dubbatan.Muslimni hidhaa Rabbii fii Isa jidduu jirtu jabeeysuuf Irrecha godhuu qaba moo Karaa Rabbii fii Rasuulaa s.a.w guutuu irruu hin qabne hordofuu qaba!?Amantiin Islaamaa amantii guutuudha. Kadhaa, Rabbi farfatuu fii Hidhaa Rabbii fii nu jidduu akkamitti akka tolfannu karaan Islaamaa guutuun lafa kaayee jira. Namni galata Rabbirraa barbaaduuf Ibaadaa godhu hundi karaa Rasuulaa s.a.w qunnamee jala deemuudhaan Milkaawa. Wanni sanii achii hundi jallina.Muslimaaf irrechi guyyaa ayyaanaa Osoo hin tahin guyyaa gaddaati, akkamitti yoo jetten obboleyyan keenye hedduun arrallee Rabbii fii Rasuula s.a.w jala deemuu dhiisanii karaa Rabbiin shari’aa hin godhin jala deemaa jiran. Kuni nu gaddisiisuu qaba malee nu gammachiisuu hin qabu.Kara biraatiin ifittis gadduu qabna. Osoo nuti akka gaaritti da’waa goone Sabni keenya Kumaatamaan lakkaawaman Islaamummaa dhiisanii karaa biraa hin hordofan ture. Kuni Nu sheeneeysee da’waaf nu kaasuu qaba.• AYYAANA IRREECHAA EENYUUTU OROMUMMAAN WALITTI HIDHA?Ayyaana Irrechaa Mallattoo Oromummaa warri godhu warra Oromoon Muslimaa hedduu tahuun akka malee isaan yaachistu.Isaan wanni fedhan Muslima “Aadaa tee”, “Eenyummaa tee” jechuun amantii Waaqeefattummaa tan Oromoota hundaa godhuu fedhan. Rakkoon Isaanii guddoon Oromummaa Waaqeefattummaan walitti hidhanii Muslimoota Shirkiitti deebisuudha.Ayyaana Irreechaa Ilaalchisee Warri Siyaasaa Bilisummaa Oromoo jechuun ummata haajaa Isaanii qofaaf sobaa turan Bilisummaa dhabdan Waaqeefattummaa isiniif finne jechuun itti if jijjabeeysan. Ammallee Sobaan Muslimoota Waaqeefattummaatti deebisuu fedhan.•

XUMURA Waqeefatummaan Amantii Towhiidaa tan Rabbii tokkicha itti gabbaranii miti. Amantiin Towhiidaa tan Rabbiin tokkichi itti gabbaramu karaa Nabi Ibraahim qofa sunis Islaama.Islaamni Amantiidha, aadaadha, mala jiruu fi jireenyaati. Aadaan Amantii Islaamaa falleeysitu hundi Jallinatti laalamti, malli jiruu fii jireenyaa Islaama falleeysu hundi Jallina tahuutti beekkama.Namni Mala jiruu fi jireenyaa, Aadaa, Amantii Islaamaa malee barbaadu Akhiiraatti hongawaadha. Rabbi biraa humaa hin argatu.Irrechi karaa Amantii Waaqeefataa keessatti karaa Waaqa gurraacha ittiin gabbarani. Sun ammoo Amantii Jallinaa fii Shirkiiti.Irreechi Karaa Ibaadaa Waaqa gurraacha ittiin gabbaran waan taheef Muslima hin ilaallatu.Muslimni Rabbi ummataa wajjiin kadhachuuf jum’aa qaba, Iida qaba, Hajjii qaba.Karaan Rasuulaa s.a.w nuuf gaha!Oromummaa Rabbiin irratti nu uume, Ayyaana Irrechaa kabajuu dhabuu keenyaaf namni nurraa fuudhuu dandahu ni jiraa?!

@𝐈𝐛𝐫𝐢𝐬𝐡𝐚𝐚
𝐒𝐡𝐚𝐫𝐞

Address

Kenya Nairobi
Upper Hill

Telephone

+254742425332

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Damma Hadhaa’aa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Damma Hadhaa’aa:

Shortcuts

Share