Guji Zone Culture and Tourism Office

Guji Zone Culture and Tourism Office Contactgegevens, kaart en routebeschrijving, contactformulier, openingstijden, diensten, beoordelingen, foto's, video's en aankondigingen van Guji Zone Culture and Tourism Office, Overheidsinstantie, Oromia, Nagele.

Gujii balbala torba ka baallii shanii hanga ta'ee kan armaan gadii kana dubbisa itti dabalamu itti dabala.Gosoota balbal...
14/09/2025

Gujii balbala torba ka baallii shanii hanga ta'ee kan armaan gadii kana dubbisa itti dabalamu itti dabala.
Gosoota balbala Uraagaa jala jiran

1. Galalcha
❤ Meettaa
❤ Digaaluu
❤ Karrayyuu
❤ Doorranni
❤ Badii
❤ Danbituu
2. Waajituu
❤ Baddaa
❤ Jaarsoo
❤ Booranoo
❤ Deeroo
3. Sarboortuu
❤ Gallee
❤ Kinnoo
❤ Oorroo
❤ Garbichoo
4 . Golla
❤ Adooltuu
❤ Waajituu
5 .Agantuu
❤ Muxii
❤ Booltuu
❤ Jaaroo
❤ Garaada
❤ Doodoo
6 . Daraartuu
❤ Baabbaa
❤ Biloo
❤ Deeroo
❤ Noonnoo
❤ Faqqiyye
❤ Garaada
❤ Jaarsoo
7. Haaloo
❤ Hangeetu
❤ Gootoo
❤ Harsa

Gosa balbala Alaadduu(Haaloo Mokkonnaa)

1. Obbituu
❤ Shundhituu
❤ Hadiyyaa
❤ Wodhadhuu
❤ Kalee
2.Dhaantuu
❤ Galalcha
❤ Baabbaa
❤ Yaayyaa
❤ Onnoo
3. Meerrituu
❤ Baabboo
❤ Wondiituu
❤ Gaasara
❤ Galalcha
4. Aanooltuu
❤ Tonaa
❤ Dawichaa
❤ Biccoo
❤ Buudee
5. Maasituu
❤ Garaada
❤ Konnonnoo
❤Kochiituu
6. Baallaa
❤ Banqatoo
❤ Duuloo
❤ Oorroo
❤ Hiyyoolee
7 . Haaloo
❤ Haangeetu
❤ Garaada
❤ Dallaacca
8. Weestuu
❤ Aannii
❤ Bikkee
❤ Daawwichoo

Gosa balbala jala jiran

1. Insaallee
❤ Waarsituu
❤ Hulloo
❤ Kadhee
2. Handooya
❤ Sokoree
❤ Soochituu
❤ Jaawii
3. Hirqaantuu
❤ Reeddituu
❤ Raayyituu
❤ Abbaayyituu

Gosoota balbala Hookkuu jala jiran

1 . Galalcha
❤ Meettaa
❤ Digaaluu
❤ Karrayyuu
❤ Badii
❤ Danbituu
2 . Obborraa
❤ Corrooqoo
❤ Calmajii
❤ Obbii
❤ Sokoree
3 . Baallaa
❤ Beeroo
❤ Duuloo
❤ Oorroo
❤ Hiyyoolee
❤ Qaasimoo
4 . Michillee
❤ Haartee
❤ Madhoo
❤ Komaa
❤ Madhoo
5 . Heeraa
❤ Lakkiyyee
❤ Marsaallo
❤ Duullaa
❤ Baabituu
❤ O'ottuu
❤ Gobbeelle
6 Bundhituu
❤Hagaloo
7 . Kinnoo

Yaada ykn qeeqa keessan ni fudhana.

30/05/2025

Qaalluun Hayyuu sirnaa Gadaati. Maqaa Abboottii qaalluu ykn qaallolee Oromoo Gujii Hanga Amma Qaallomaan keessa murasa.

1. Qullubee lookoo

2. Lookoo Gadaayyuu

3. Gadaayyuu Aagaa

4. Aagaa danbii

5. Galanii Aagaa

6. Boru galanii

7. Addaayyoo Boru

8. Saqoo Addooyyee

9. kaayyoo saqoo

10. Barisoo kaayyoo

11.Eeluu Barisoo

12.Hirbaayyee Eeluu

13.Toottee hirbaayye

14.Nagaayyoo Toottee

15.saqoo Nagaayyoo

16.Aagoo saqoo

Yaada ykn qeeqa keessan ni fudhana
Horaa Bulaa Deebana!!!

♥️ ❤️

Quttoon Maal?Quttoon meeshaa aadaa keessaa tokko ta'ee ummata Oromoo Gujii biratti kan durri bantii qofti hidhattuudha. ...
29/05/2025

Quttoon Maal?

Quttoon meeshaa aadaa keessaa tokko ta'ee ummata Oromoo Gujii biratti kan durri bantii qofti hidhattuudha. Akka aadaa Oromoo Gujiitti intalti bantii (dubrummaa) ishii eeggattee heerumte kabaja guddaa qabdi. Dubarri akka dubrummaa ishii kan ittiin ibsamu Quttoo ishiin mataa gubbaatti hidhattuun..
Shamarreen tokko dubartii abbaa worraa qabdurraa kan addaan of baaftu Quttoo mataa gubbaatti hidhachuun. Shamarri yoo Quttoo mataa gubbaatti hidhatte durba hin heerumne ta'uu hawaasi ni beeka.

Dubarri Gujii yeroo durii mallattoon durbummaa ishii ibsuuf mataa ishii jiddutti bantii /gammee/ itti haada. Quttoon haadha intalaatiin kan hojjatamu yoo ta'u intalaanis qophaa'uu ni danda'a. Innis kan hojjatamu gogaa loonii ,qundhii, xuruuraa, natii, haachabaafi ribuu fa'a irraa ta'ee jidduu ishiitii boca geengoo qabdi.

Shamarraan Gujii Quttoo ykn Ficee kaawwatte mallattoon durbummaa ishii ittiin kan ibsattu waan te'eef namni kamille mirga ishii akka hin sarbineef kabaja eennummaa mirga ishii ta'uun tajaajila.

Durbi Gujii haga gaafa heerumtuutti Quttoo hidhatti. Gaafa heerumte mataarraa hiikatti. Quttoon kan hiikamu sirnaafi yeroo qaba. Sirni Quttoo hiikuu kan gaggeeffamu intalti heerumtee bultee ganama erga dhadhaa obaasanii booda.

Intala heerumtee mucaan isii fuudhe erga durbummaa isii irraa fudhateen duuba obboleessi guddaan mucaan intala fuudhee (wosoon) raada ebeluutiin sirraa hiike jedheenii raada ishiif kenne moonaa geessee itti agarsiisee Quttoo irraa hiika.

Raaddi Quttoo intalarraa ittiin hiikanii kennaniif Kun raada Quttoo ykn raada Ficee jedhama. Akka Gujiitti intalti bantii (dubrummaa) ishii eeggattee heerumte kabaja guddaa qabdi. Maatii mucaan fuudheelle intala san ni kabaju. Mucaan intala san fuudhelle bantittii tiyya jedhee ni jaalata, ni amana, ni kabaja.

Horaa bulaa!!!

Gujii balbala torba ka baallii shanii hanga ta'ee kan armaan gadii kana dubbisa itti dabalamu itti dabala.Gosoota balbal...
29/05/2025

Gujii balbala torba ka baallii shanii hanga ta'ee kan armaan gadii kana dubbisa itti dabalamu itti dabala.
Gosoota balbala Uraagaa jala jiran

1. Galalcha
❤ Meettaa
❤ Digaaluu
❤ Karrayyuu
❤ Doorranni
❤ Badii
❤ Danbituu
2. Waajituu
❤ Baddaa
❤ Jaarsoo
❤ Booranoo
❤ Deeroo
3. Sarboortuu
❤ Gallee
❤ Kinnoo
❤ Oorroo
❤ Garbichoo
4 . Golla
❤ Adooltuu
❤ Waajituu
5 .Agantuu
❤ Muxii
❤ Booltuu
❤ Jaaroo
❤ Garaada
❤ Doodoo
6 . Daraartuu
❤ Baabbaa
❤ Biloo
❤ Deeroo
❤ Noonnoo
❤ Faqqiyye
❤ Garaada
❤ Jaarsoo
7. Haaloo
❤ Hangeetu
❤ Gootoo
❤ Harsa

Gosa balbala Alaadduu(Haaloo Mokkonnaa)

1. Obbituu
❤ Shundhituu
❤ Hadiyyaa
❤ Wodhadhuu
❤ Kalee
2.Dhaantuu
❤ Galalcha
❤ Baabbaa
❤ Yaayyaa
❤ Onnoo
3. Meerrituu
❤ Baabboo
❤ Wondiituu
❤ Gaasara
❤ Galalcha
4. Aanooltuu
❤ Tonaa
❤ Dawichaa
❤ Biccoo
❤ Buudee
5. Maasituu
❤ Garaada
❤ Konnonnoo
❤Kochiituu
6. Baallaa
❤ Banqatoo
❤ Duuloo
❤ Oorroo
❤ Hiyyoolee
7 . Haaloo
❤ Haangeetu
❤ Garaada
❤ Dallaacca
8. Weestuu
❤ Aannii
❤ Bikkee
❤ Daawwichoo

Gosa balbala jala jiran

1. Insaallee
❤ Waarsituu
❤ Hulloo
❤ Kadhee
2. Handooya
❤ Sokoree
❤ Soochituu
❤ Jaawii
3. Hirqaantuu
❤ Reeddituu
❤ Raayyituu
❤ Abbaayyituu

Gosoota balbala Hookkuu jala jiran

1 . Galalcha
❤ Meettaa
❤ Digaaluu
❤ Karrayyuu
❤ Badii
❤ Danbituu
2 . Obborraa
❤ Corrooqoo
❤ Calmajii
❤ Obbii
❤ Sokoree
3 . Baallaa
❤ Beeroo
❤ Duuloo
❤ Oorroo
❤ Hiyyoolee
❤ Qaasimoo
4 . Michillee
❤ Haartee
❤ Madhoo
❤ Komaa
❤ Madhoo
5 . Heeraa
❤ Lakkiyyee
❤ Marsaallo
❤ Duullaa
❤ Baabituu
❤ O'ottuu
❤ Gobbeelle
6 Bundhituu
❤Hagaloo
7 . Kinnoo

Yaada ykn qeeqa keessan ni fudhana

Very nice culture of Guji
20/05/2025

Very nice culture of Guji

825 likes, 51 comments, “ 🇪🇹🇪🇹🇪🇹🇪🇹 🥰 ” by Eng. Nuge

Follow Gujii culture at Me'e Bokko
20/05/2025

Follow Gujii culture at Me'e Bokko

5078 likes, 245 comments, “የዋርካው ስር ትንግርት 🥰 ❤️💚❤️ethiopiantiktok #እልል ያልኩ ሀበሻ #@እልል ያልኩ ሐበሻ” by Bogas

 /Fincaan Shanan Gadaa Gujii1.Muudana2.Halchiisa3. Dhallana4. Harmuufa5. RoobaleeWolaanaa1.Wolaannaan Muudanaa~Halchiisa...
17/05/2025

/Fincaan Shanan Gadaa Gujii
1.Muudana
2.Halchiisa
3. Dhallana
4. Harmuufa
5. Roobalee
Wolaanaa
1.Wolaannaan Muudanaa~Halchiisa
2.Wolaannaan Halchiisaa~Dhallana
3.Wolaannaan Dhallanaa~Harmuufa
4.Wolaannaan Harmuufaa~Roobalee
5.Wolaannaan Roobalee~Muudana
Qadaduu
1. Qadaadduun Muudanaa~Dhallana
2. Qadaadduun Halchiisaa~Harmuufa
3.Qadaadduun Dhallanaa~Roobalee
4. Qadaadduun Harmuufaa~Muudana
5. Qadaadduun Roobalee~Halchiisa
~ Gadaa Gujii -13
1. Dabballee
2. Qarree diqqaa
3. Qarree guddaa
4. Kuusa
5. Raaba
6. Gadaa
7. Baatuu
8. Yuuba diqqaa
9. Yuuba guddaa
10. Jaarsa Guduruu
11. Jaarsa Raqeyaa
12. Jaarsa Ginya
13. Jaarsa quluulluu

isaan keessa darran/taran
:Maqaa baasuu
:Qarree buufatu
:Laguu baasu
:Niitii Fuudhu
:Woddeesaa Muru
:Qumbii nyaatu,Muummicha Ministeeraati
:Gudurubusa
:Gorsitoota abbaa Gadaati,abbootii Kuusaati!.....
abbaan Gadaa woliin hojjatu
1. Abbaa Murtii
2. Jalkeya
3.Faga(2)
4.Hayyuu
5.Jaldhaaba
6.Wamura
7. Torbii
Murtii/Gadaa
~Abbaa Murtii hogganaadha/Representatives body.
Hujii hojjatu/Kolbaa isaa worroota torbaan kana woliin tajaajila/ hoggana. Seera abbaa Gadaa baasee nama hujii irra oolchutti jira .
~Abbaan Gadaa kophaa isaa hin deemu
~Abbaan Gadaa dhugaatii Macheessitu hin unu
~Abbaa Gadaa kophaa isaa hin bulu(Haadha worra malee/Haadha Bollaa
2. Jalkiyaa!
~Protocol officer abbaa Gadaati/Irkisa abbaa yaa'aati
3. Faga
✓Gosa Gujii keessaa nama abbaa Gadaa hin teenetti jira:Galalcha, Agantuu Mana Doodoo,Baallaa baasii Fi Obbituu Mana Qaalluuti. Sababi worri Kun abbaa Gadaa hin taanneffilleen ganamuumaan waaqi Woyyuu yookiin nama wobeeku godhee isaan uume. Fakkeenyaaf Worri Galaalchaa worraa Malkaati. Malkaan ta Galalchaati Nami kamuu Galaalchaan dura bisaan hin bu'u. Obbituullee worra Qaalluuti! Aangoorratti aangoo daballaan dansaa waan hin teeneef jedhaniiti.

17/04/2025

Abbaan Gadaa Gujii Ardaa Jilaa Tokkorraa Gara Ardaa Jilaa Isa Itti Aanuutti Yeroo Godaanu Sirnoota Garaa Garaa Raawwachuun Beekkama.

Godina Gujii Aanaa Adoolaa Reeddee Ardaa Jilaa Miciicaatti Abbaan Gadaa Gujii Maattii Ardaa Jilaa Daraartuu qubatee ture irraa ardaa jilaa Miciicaatti erga godaanee bubbulee kan jiru sirnoota garaa garaa raawwateera.

Sirnoonni kunneen Muka Haaganaa Maattii faluu, Hora Kaadhoo Obaasuu fi Marraa fi Bishaan Ummataaf Eebbisuuf Ardaa Jilaa Miciicaa qubatanii sirnoota kanniin raawwachuu ture.

Bulchaa Aanaa Adoolaa Reeddee Obboo Caalaa Waaree gumaata daraaraa gosa garaa garaa fi gosa midhaan nyaataa garaa garaa iddoo Abbaa Gadaa Gujii Maattii qubatanii jiran Ardaa Jilaa Miciicaatti argamuun gumaata gumaachuun eebba fudhataniiru.

28/03/2025
27/03/2025
 -Ilmi ka abbaatii dhage'adhu! -intalti ta abbaatii dhage'adhu!-Niitiin ta irsaatii gooroo. -Obboleessa gula hin erganuu...
17/03/2025



-Ilmi ka abbaatii dhage'adhu!
-intalti ta abbaatii dhage'adhu!

-Niitiin ta irsaatii gooroo.
-Obboleessa gula hin erganuu aadaa.
-Ergan gatii baddii aad-malee.
-Ilma ifii hin qajeelfatanii gooroo.
-Diqqeennaan gorsanii gooroo.
-Halkan dammaqsanii gooroo.
-Dadhaban worraa himatanii gooroo.
-Ni gorsanii gooroo.

-Niitii Irsa malee deemtuu gooroo..

-Intalti alanbultuu gooroo.
-Ala bultu hin yakkamtii aad-malee.

-Ibidda tuqi jedhaniinii gooroo.
-Yakku ni aalatanii gooroo.

-Diqqaa qundhii cora'aatiin dhaananii gooroo.
-Guddatu gaadiin dhaananii gooroo.
-Worraa qajeelchaa gooroo.
-Dadhaban gosaan geyanii gooroo.
-Gochi ni gorsitii gooroo.
-Dadhaddu ni dhaantii aadaa.
-Dhaananii horii isaa qalanii dhage'adhu!

-Nama wa beeku kutaan hin dhaanuu dhage'adhu!

-Wollaalaa kutaa dhaanani dhage'adhu!
-Dadhabanu balbala torba itti koraniidhage'adhu!

-Balbala torba gorsaa dhage'adhu!
-Dadhaban yaa'aan dhaqanii gooroo.
Yaa'a gorsaa gooroo.

-Saddeeti dhaananii gooroo.
-Sallii itti irreefatanii gooroo.

-Yoo san iltala namaa hin fuudhuu gooroo.
-Laga namaa hin unuu gooroo.

-Worraa fi gosa hin qabuu dhage'adhu!
-Nami worraa fi gosa malee hin jiraatuu dhage'adhu!

-Gujii balbalti torbaa gooroo.
-Oromoon wolii takka'aa gooroo.

-Gujiin saba kamuu ni guddisaa gooroo.
-Ilmi gudeedaa ka abba'aati.

-Ka saaphanii ka abba'aati.
-Kunuunsanii guddisanii gooroo.

-Ilma diqqaa hincifanuu gooroo.
-Horsiisanii nama tolchanii gooroo.
Itti handhuranii gooroo.

-Abbaa booressee miiloo seenaa gooroo.
-Miiloo irraa hincituu gooroo.
Waan dubbichaniif galatooma!!!

Adres

Oromia
Nagele

Telefoon

+251922056437

Website

Meldingen

Wees de eerste die het weet en laat ons u een e-mail sturen wanneer Guji Zone Culture and Tourism Office nieuws en promoties plaatst. Uw e-mailadres wordt niet voor andere doeleinden gebruikt en u kunt zich op elk gewenst moment afmelden.

Contact De Organisatie

Stuur een bericht naar Guji Zone Culture and Tourism Office:

Delen