Hiree Koo

Hiree Koo Odeeffanno

Permanently closed.
Wanti akka bidiruuJalli bishaanumaaWol argaan hin jiruFalli imimmani
20/12/2021

Wanti akka bidiruu
Jalli bishaanumaa
Wol argaan hin jiru
Falli imimmani

14/12/2021
03/12/2021

"Dhugaa fi lubbuun
Guyyaa rabbi jedhe baati"
Mammaaksa!!

27/11/2021

?

Gaafa kan harki dhiigaa
Fakkeeffamu qulqulluu
Gaafa sobni dhiita'u
Akka gaarreniif tulluu

Bara sobni wal horee
Ulfi haqaa gatate
Bara daangaan kijibaa
Addunyaatti bal'ate

Yeroo tafkiin qaxxisee
Geergoon utaaluu yaalu
Yeroo beekaan callisee
Doofaan qe'ee nu dhaalu

Yeroo gareen sobdootaa
Samii keessa utaalu
Yeroo falmataan haqaa
Qoleedhaan lafa laalu

Yeroo harreen bookkisee
Sangaan immoo caraanu
Yeroo qarri dachaanaan
Doomaan nama waraanu

Yeroo qamadii qonnaan
Hingirdaadi biqilu
Yeroo murni xixiqqaan
Abbaa biyyaa fincilu

Yeroo gabroomsaan horee
Qe'ee namaarra yaasu
Yeroo garbichi quufee
Gooftaatti mataa raasu

Eessa jirta yaa dhugaa?
Mee gaaffii si gaafadhuu?
Keessookoo sa bokokse
Afaan saaqee baafadhuu?

Gadheen labata keenya
Akka garbuu hin haamnee?
Harka lafa jalaatiin
Qabeenya keenyan saamnee?

Yeeyyiin gogaanshee hoolaa
Saba nagaattin duullee?
Shira 'Araara' jedhuun
Reeffa walirran tuullee?

Abukaattoowwan dhugaa
Gootota hedduun dhabnee?
Qoleen saba garraamii
Wanjoo diinaan hin cabnee?

Cilee gurraacha dibee
Seenaa keenyaan haguugnee?
Saba Gadaadhaan bulu
Gadoodhaan hin daguugnee?

Funcaa dachaa sagaliin
Qeerroof qarree hin hiinee?
Hirreedhaan nu hacuuccee
Afaan qawween nun miinee?

Kan boriif abdataman
Qileetti hin darbamnee?
Daa'imman abdiin biyyaa
Mirgisaa hin sarbamnee?

Dhugaa sobaan haalanii
Nun goonee saamtuu baankii
Lafarraa nu haxaahuuf
Hin fidnee jeettiif taankii?

Nutoo akkasiin jirraa!
Kumaatama awwaallee
Eessa jirta? yaa dhugaa!
Bakka jirtu wallaalle
πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™

✍️✍️

11/11/2021

Baranee barri lama
Tokko bara fuudhe
Tokko bara duule

02/11/2021

α‰ αˆ…α‹­α‹ˆα‰΅ α‹αˆ΅αŒ₯ α‹¨αˆ†αŠ α‰€αŠ•β€¦

α‹«αˆ΅αŠ¨α‰αˆ½ αˆ°α‹Žα‰½ α‹­α‰…αˆ­α‰³ α‹­αŒ α‹­α‰αˆ»αˆβ€¦αˆˆα‹«α‹αˆ αŠ¨αˆ¨αˆα‹° α‰ αŠ‹αˆ‹β€¦αˆŠα‹«α‹αˆ αŠ₯αŠ•α‹³αˆ‰ αŠ₯αŠ•αŠ³αŠ• αŠ¨αˆ¨αˆ³αˆ»α‰Έα‹ α‹ˆα‹²α‹«β€¦α‹¨αŠα‰ αˆ¨αˆ½αŠ• αˆ΅αˆœα‰΅ αŠ«αŒ£αˆ½α‹ α‰ αŠ‹αˆ‹ α‰ αŠαˆ± αˆαŠ­αŠ•α‹«α‰΅ α‰₯α‹™ ነገረሽ αŠ¨α‰°α‰ αˆ‹αˆΈ α‰ αŠ‹αˆ‹ α‹­α‰…αˆ­α‰³ α‹­αˆ‰αˆ»αˆβ€¦αŒαŠ• α‹« α‹­α‰…αˆ­α‰³ αŠ αˆαŠ• αˆαŠ• α‹«α‹°αˆ­αŒ‹αˆ?…

√√Komiin Sirraa Qaba (bara, 2013)πŸ‘ˆGaafa jalqaba keetiGaafa dhuftee seentuuGaafa tokko jetteeFulbaanarraa kaatuu!~Akkum b...
08/09/2021

√√Komiin Sirraa Qaba (bara, 2013)πŸ‘ˆ

Gaafa jalqaba keeti
Gaafa dhuftee seentuu
Gaafa tokko jettee
Fulbaanarraa kaatuu!
~
Akkum bara kaanii
Simannaa siif goonee
Kabaja siif qabnus
Onneerraa siif laatnee!
~
Nuuf toltas si seenee
Heddu si leellisnee
Gara gola keenyaatti
Olum si seesisnee!
~
Kabaja keenyas jijjiirtee
Salphinaan nuuf deebistee
Gidiraa hin yaadaamnes
Saggootti nu baachistee!
~
Komiin sirraa qaba
Akkum bara darbee
Hundeettis nu kuttee
Abiddaan nu gubdee!
~
Ooltee osoon buliinis
Mana keessa naannooftee
Guddaaf xiqqaa osoon jenne
Hunduma haxooftee!πŸ’”
~
Kabaja keenyas fuutee
Awwaaltee irra teessee
Kan nuti abdii godhannus
Fuute boolla nuuf keesseeπŸ’”
~
Deebii jaalala keenyaas
Jibbatti jijjiirtee
Hayyotaaf lammiilees
Mana hidhaatti miitee!
~
Waan si miine wallaallee
Gidiraan kees dheeratee
Keessaaf alan qabum
Lubbuun tasa taatee!
~
Waanan kana siin jedhu
Tolakee tokkon qabu
Daalachooftu wayiidhaa
Gaddi si haa qaqqabuu!
~
Dhugaa keenya awwaaltee
Sobaafimmoo bakka laattee
Imimmaan keenya akka bishaani
Ganamaaf galgala dhangalaastee!
~
Lakkoofsi keeyuu hir'dhuu
Fokkattuu wayiidhaa
Nurraa ka'i dafiiti
Gidiraan kee danuudha!
~
Ofitti hin gaabbitu homaa
Nuuf galaasteetta galaa
Madaa fayyuun dandeenye
Gubaa laphee jalaa!
~
Kan keessa keenyaan badne
Godaannisa yeroo maraa
Barri kuma lamaaf kudha sadi
Nu madeessitem garaa!
~
Uumaan nuun hin gahiin
Bara akka keetii
Dukkanooftu wayii
Ayyaana dhabeettii!
~
Baratti leenci bookkisu
Ukkaamfamee aade
Harroonni bakkeedha
Teessootti ol yaabdee!
~
Akkamiin dagannaa?
Baratti akka kanaa
Madaa yoomuun fayyine
Garaa keessa qabnaa!
~
Komiin sirraa qaba
Bara koo hundumaa
Mana onaas nu gootee
Keessi keenya gungumaa!
~
Darbi nurraa ati
Bara gadi galtuu
Kan akka kee kanaaf
Garaankoon raafamtuu!
~
Barichi as deemuus
Inni haaraa jedhamuu
Akka kee kana taanaan
Ilaa nurraa haa dhabamuu!





π™ΆπšŠπš•πšŠπšπš˜πš˜πš–πšŠπšŠπŸ™πŸ˜

Address

Al Faisaliah

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Hiree Koo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Hiree Koo:

Share