10/25/2024
~Seenaa beekuu fi beekuuf tattaafachuudha.(yoo Seenaa hin beekne waan dhabdee fi barbaaddu hin beektu)
~Sirna cunqursaa fi saamichaa Hundeen buqqisuun sirna siyaasaa haaraa saba ofiif argamsiisuuf wareegamuudha
~Of gananii saba ofiif jiraachuudha
~Warraaqsa gaggeessan fakkaachuudha
~Ajajaa fi Ajajamaa gaarii ta'uudha
~Daangaa biyyaa, Alaabaa fi Heera biyya ofii kabajuu fi kabachiisuudha.
~Walqixxummaa fi sirna Diimokraasummaan gaggeeffamuudha
~Mirga namummaa, mirga Diimokiraasi kabajuun dhala namaaf kabajaa kennuudha.
~ ilaacha Gandummaa, Laga, gosa, amantii..fkkf irraa qulqullaa'un sadarkaa sabaa fi biyya Oromiyaatti yaaduu fi hadoodudha.
sadarkaa arman olii kana jirutu sabaa fi biyya Oromiyaatif waardiyyaa ta'a yoo akkas hin taane diina waliin biyyaa fi Dhaloota qorqaa jiraatta.
baateef hin dagatin, ati Calaqqee Warraaqsa gaggeessituuti. Saba Irbuu galteef yaadadhu, imimmaan haadha hiyyeessaa gadadoon wallaansoo walqabaa jiraattu kana hin yaadadhu, isa jabaatetu salphina fi gadantummaa jalaa saba Oromoo bilisa baasuun Oromiyaa walabaa ijaaraa.
Lamanansuufan Jette
Ekeraa Jiraa Nyaate
Injifannoon Uummata Oromoof