08/09/2026
Sirni Gaggeessaa Taasifame.
Ajajaa Poolisii Aanaa Madda Walaabuu Insp Geetuu Badhoo fi Itti Gaafatamaa kutaa Ittisa yakkaa Aanaa Madda Walaabuu Insp Isheetuu Magarsaa,G/Insp Gaddisaa Badhaasoo, Sajiin Izbaalam Masfiinif sirni gaggeessaa taasifame.
Hagayyaa 3/2018; Aanaa Madda Walaabuutti ajajaa Waajjira Poolisii aanaa keenyaa kan ta'an Insp. Geetuu Badhoo fi Itti Gaafatamaa kutaa Ittisa yakkaa Aanaa Insp.Isheetuu Magarsaaf, sababa jijjiirraan gara aanoota biroo deemaniif sirni gaggeessaa kabajaa isaaniif taasifame.
Sirni kun bakka miseensotni poolisii aanaa keenyaa fi bulchaa aanaa Madda Walaabuu Obbo Abdulkariim Aadam, Itti Gaafatamtuu Waajjira Paartii Badhaadhinaa damee aanichaa Aaddee Gannat Toleeraa, hoggansa aanaa, fi gandootaa, argamanitti gaggeeffameera.
Inspeektar Geetuun nama cimaa fi hoggansa yeroon barbaadu kan ta'e, uummata isaa keessatti aantummaan hojjatu, nama jaalala Miseensoota isaa fi uummataa isaa qabuu fi yeroo hojiif aanaa Madda Walaabuu turetti hojii bal'aa hojjachaa kan tureedha.
Bulchaa aanaa Madda Walaabuu Obbo Abdulkariim Aadam haasaa taasisaniin Insp Geetuu Badhoo fi Isheetuu Magarsaa, qaamooleen nageenyaa aanaa keenyaa oolantummaa seeraa kabajanii kabachiisuu irrati hojiin isiin hojeechaa turtaanif, galatatu isaaniif mala jechuun dubbatan.