10/31/2020
Weellisaa Michuu Seenaa Godina Harargee Bahaa Aanaa Guraawwaatti geeffamuudhaan mana hidhaa galfamuu hiriyaan isaa OMN-tti hime.
Weellisaa Michuu Seenaa qabsa'aafi misseensa Hawwisoo Waraana Biliisummaa duraanii yeroo ta'u, bara 2018 yeroo hooggansi dhaaba ABO gara biyyaatti deebi'e qabsaa'ota Oromiyaatti deebi'an keessaa nama tokko ture.
Weellisaa Michuu Seenaa walleewwan warraaksaa fi Aadaa hojjetuun kan beekamu, erga gara biyyaatti deebi'ee waggaa lamaaf magaalaa Finfinnee keessa jiraachuusaa hiriyaansaa kun ni hima.
"Torban kana bakka buuteesaa dhabnee barbaadaa turre" kan jedhu hiriyaansaa "Guyyaa har'aa Harargee Bahaa Aanaa Guraawwaatti hidhamee jiraachuusaa dhageenye" jechuun dhimma Michuu waan quba qabu nuuf himee jira.
Hiriyoonni Michuu Seenaa, Guraawwaatti hidhamuusaa dhaga'nii gaafachuuf bakka sana deeman namoonni lama Michuutti dabalamanii hidhamanii jiru jechuun OMN-tti himeera.
'Weellisaa Michuu Seenaa erga Dhaabni ABO Eertiraarraa gara Biyyaatti deebi'uun sochii qabsoo kara nagaa eegalee as, hirmaannaa siyaasaa kam keessattuu mullachaa hin jiru' jechuun hiriyaansaa kun OMN-tti yoo himu "diina qabsoo Oromootti hin gammadnetu, hirmaannaa Michuu kanasn duraatiif qiimii qabatee isa miidhaa jira jedheen shakkas" jechuun himee jira.