31/07/2021
Muka biyya jiruun mana ijaaran jedha Oromoon,akka jirtu laalii akka jiruun jirtutti jiraadhu,akkuma itti jirantu jiruudhaa beeki.
Ee.
ka aaru darbanii ka bobahu hin arganii hubadhu, kan lafee siqorqu,foon sirriitti siwaddu,ka affeelee sinyaatu isa sirritti keessa sibeeku gowwaa mana kee keessaa malaan qabadhu.
atis beeki.
beekaafi goota Ormaa faarsuu irra gowwaafi jallaa ufii qajeelfachuutuu dursaa hubadhu,akkuma gaafa sitti dabe hiddaan sibuqqisu gaafa sii qajeele immoo hidda gadi sidhaabuu malaa hubadhu.
Jaalakoo
,alagaan yoomuu fira tahee hinbeekuu beekkadhu,tolu si wajji jiraata didu lafee si cabsee sibiraa kutaa beeki, nyaaphni yoomuu nyaaphumaa fira tahee hinbeekuu gadi laalii daawwadhu.
Eee
ilmi namaa hundi hir'uudha beeki,guutuun Rabbi malee hinjiruu guutuu barbaadaa hin oolin,nama qulqulluu barbaada jettee jooraa hin oolin,namni qulqulluun inuu hin dhalannee beeki,qulqulluu barbaada jettee osoo deemtu kophaa hafutu jiraa hubadhu.sinbirri akka biyyaa waccii akka biyyi jirtutti jiraadhu,addunyaan kophaa itti jiraatan hin uumanee beeki.
kanaaf bifas amalas,jireenyas ijjannoos kee qabaadhu malee jiruu addaa jiraadhu malee jettee hedduu hin raatahin.
Sufyan Usman Cush Land