Negele Arsi Town Communication

Negele Arsi Town Communication Informations de contact, plan et itinéraire, formulaire de contact, heures d'ouverture, services, évaluations, photos, vidéos et annonces de Negele Arsi Town Communication, Public & Government Service, Democratic Republic of the.

𝐌𝐢𝐬𝐨𝐨𝐦𝐚 𝐌𝐚𝐠𝐚𝐚𝐥𝐚𝐚 𝐊𝐚𝐥𝐥𝐚𝐭𝐭𝐢𝐢 𝐇𝐮𝐧𝐝𝐚𝐚𝐧 𝐒𝐚𝐟𝐟𝐢𝐬𝐢𝐢𝐬𝐮𝐮𝐟 𝐆𝐚𝐥𝐢𝐢𝐧 𝐀𝐤𝐤𝐚𝐚𝐭𝐚𝐚 𝐁𝐚𝐫𝐛𝐚𝐚𝐝𝐚𝐦𝐮𝐮𝐧 𝐒𝐚𝐬𝐬𝐚𝐚𝐛𝐮𝐮𝐧 𝐌𝐮𝐫𝐭𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐚𝐝𝐡𝐚.Godina Arsii Lixaa...
04/08/2026

𝐌𝐢𝐬𝐨𝐨𝐦𝐚 𝐌𝐚𝐠𝐚𝐚𝐥𝐚𝐚 𝐊𝐚𝐥𝐥𝐚𝐭𝐭𝐢𝐢 𝐇𝐮𝐧𝐝𝐚𝐚𝐧 𝐒𝐚𝐟𝐟𝐢𝐬𝐢𝐢𝐬𝐮𝐮𝐟 𝐆𝐚𝐥𝐢𝐢𝐧 𝐀𝐤𝐤𝐚𝐚𝐭𝐚𝐚 𝐁𝐚𝐫𝐛𝐚𝐚𝐝𝐚𝐦𝐮𝐮𝐧 𝐒𝐚𝐬𝐬𝐚𝐚𝐛𝐮𝐮𝐧 𝐌𝐮𝐫𝐭𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐚𝐝𝐡𝐚.

Godina Arsii Lixaa Bulchiinsa Magaalaa Nageellee Arsiitti haala galii sassaabuun danda'amu irratti seekteraalee galii maddisiisan waliin mari'atame.

Galii mootummaa amantummaan kaffaluun misooma eegalame itti fufsiisuuf gargaara kan jedhan 𝐈𝐭𝐭𝐢𝐠𝐚𝐚𝐟𝐚𝐭𝐚𝐦𝐚𝐚𝐧 𝐖𝐚𝐚𝐣𝐣𝐢𝐫𝐚 𝐆𝐚𝐥𝐢𝐢 𝐌𝐚𝐠𝐚𝐚𝐥𝐢𝐜𝐡𝐚𝐚 𝐎𝐛𝐛𝐨 𝐒𝐮𝐥𝐱𝐚𝐚𝐧 𝐃𝐚𝐟𝐚𝐚 misooma magaalaa kallattii hundaan ittifuufsiisuuf galiin murteessaa ta'uu eerun qooda fudhattoonni hundi maddoota galii hunda irraa sirnaan hordofamee sassaabuun galii magaalichaa akkaataa karooraa qabameen milkeessuuf qindoominaan hojjatamaa jiraachuu ibsaniiru.

Galma gahiinsa imala badhaadhinaa dhugoomsuuf galiin murteessaa ta'uu kan ibsan 𝐈𝐭𝐭𝐢𝐠𝐚𝐚𝐟𝐚𝐭𝐚𝐦𝐚𝐚𝐧 𝐖𝐚𝐚𝐣𝐣𝐢𝐫𝐚 𝐏𝐚𝐚𝐫𝐭𝐢𝐢 𝐁𝐚𝐝𝐡𝐚𝐚𝐝𝐡𝐢𝐧𝐚 𝐌𝐚𝐠𝐚𝐚𝐥𝐢𝐜𝐡𝐚𝐚 𝐎𝐛𝐛𝐨 𝐌𝐮𝐬𝐱𝐚𝐟𝐚𝐚 𝐆𝐚𝐧𝐧𝐚𝐚 misooma magaalichaa saffisiisuuf maddoota galii bu'uura irraa ittifayyadamuun barbaachisa ta'uu himuun milkaa'inna hojii kanaatiifis ogeeyyiin galii, abbootiin adeemsaafi hooggansi sadarkaan jiran xiyyeeffannoo ol'aanaan hojjachuu qabu dhaamaniiru.

Misooma magaalatti eegalame kallattii hundaan saffisiisuuf galiin akkaataa barbaadamuun sassaabuun murteessaa ta'uu kan eeran 𝐊𝐚𝐧𝐭𝐢𝐢𝐛𝐚𝐚𝐧 𝐌𝐚𝐠𝐚𝐚𝐥𝐢𝐜𝐡𝐚𝐚 𝐎𝐛𝐛𝐨 𝐌𝐨𝐨𝐲𝐚𝐭𝐚𝐚 𝐖𝐨𝐥𝐝𝐞𝐞
maddoota galii hunda sirnaan hordofanii sassaabuun galii magaalichaa dabaluun cinatti diinagdee biyyaa utubuu keessatti gahee ol'aanaa qabaachuu eeruun karoora qabame milkeessuuf qooda fudhattoonni hundi xiyyeeffannoo ol'aanaan hojjachuu akka qaban dhaamaniiru.

𝐇𝐢𝐫𝐦𝐚𝐚𝐭𝐭𝐨𝐧𝐧𝐢 𝐦𝐚𝐫𝐢𝐜𝐡𝐚𝐚𝐭𝐢𝐬 𝐠𝐚𝐥𝐢𝐢𝐧 𝐮𝐭𝐮𝐛𝐚𝐚 𝐝𝐢𝐢𝐧𝐚𝐠𝐝𝐞𝐞 𝐛𝐢𝐲𝐲𝐚𝐚 𝐭𝐚'𝐮𝐮 𝐢𝐛𝐬𝐮𝐮𝐧 𝐤𝐚𝐫𝐨𝐨𝐫𝐚 𝐠𝐚𝐥𝐢𝐢 𝐛𝐚𝐫𝐚 𝟐𝟎𝟏𝟗 𝐦𝐢𝐥𝐤𝐞𝐞𝐬𝐬𝐮𝐮𝐟 𝐜𝐢𝐜𝐡𝐚𝐧𝐢𝐢 𝐤𝐚𝐧 𝐡𝐨𝐣𝐣𝐚𝐭𝐚𝐧 𝐭𝐚'𝐮𝐮 𝐝𝐮𝐛𝐛𝐚𝐭𝐚𝐧𝐢𝐢𝐫𝐮.

𝐒𝐨𝐜𝐡𝐢𝐢 𝐌𝐢𝐬𝐨𝐨𝐦𝐚 𝐊𝐨𝐫𝐢𝐢𝐝𝐚𝐫𝐢𝐢 𝐌𝐚𝐠𝐚𝐚𝐥𝐢𝐜𝐡𝐚𝐚 𝐈𝐬𝐭𝐚𝐚𝐧𝐝𝐚𝐚𝐧𝐝𝐢𝐢 𝐛𝐚𝐫𝐛𝐚𝐚𝐝𝐚𝐦𝐮𝐭𝐭𝐢 𝐟𝐢𝐝𝐮𝐮𝐟 𝐪𝐢𝐧𝐝𝐨𝐨𝐦𝐢𝐧𝐚𝐚𝐧 𝐡𝐨𝐣𝐣𝐚𝐭𝐚𝐦𝐚𝐚 𝐣𝐢𝐫𝐚.Godina Arsii Lixaa...
03/08/2026

𝐒𝐨𝐜𝐡𝐢𝐢 𝐌𝐢𝐬𝐨𝐨𝐦𝐚 𝐊𝐨𝐫𝐢𝐢𝐝𝐚𝐫𝐢𝐢 𝐌𝐚𝐠𝐚𝐚𝐥𝐢𝐜𝐡𝐚𝐚 𝐈𝐬𝐭𝐚𝐚𝐧𝐝𝐚𝐚𝐧𝐝𝐢𝐢 𝐛𝐚𝐫𝐛𝐚𝐚𝐝𝐚𝐦𝐮𝐭𝐭𝐢 𝐟𝐢𝐝𝐮𝐮𝐟 𝐪𝐢𝐧𝐝𝐨𝐨𝐦𝐢𝐧𝐚𝐚𝐧 𝐡𝐨𝐣𝐣𝐚𝐭𝐚𝐦𝐚𝐚 𝐣𝐢𝐫𝐚.

Godina Arsii Lixaa Bulchiinsa Magaalaa Nageellee Arsii Dhaabbileefi Ijaarsa Manneen dhuunfaa Misooma Koriidarii Magaalichaa istaandaardiitti fiduuf hojjatamaa jiraachuu ibsame.

Badhaadhina Waloo utubuuf sochiin misooma koriidarii bu'uura ta'uu kan eeran 𝑰𝒕𝒕𝒊𝒈𝒂𝒂𝒕𝒂𝒎𝒂𝒂𝒏 𝑾𝒂𝒂𝒋𝒋𝒊𝒓𝒂 𝑷𝒂𝒂𝒓𝒕𝒊𝒊 𝑩𝒂𝒅𝒉𝒂𝒂𝒅𝒉𝒊𝒏𝒂 𝑴𝒂𝒈𝒂𝒂𝒍𝒊𝒄𝒉𝒂𝒂 𝑶𝒃𝒃𝒐 𝑴𝒖𝒔𝒙𝒂𝒇𝒂𝒂 𝑮𝒂𝒏𝒏𝒂𝒂 sochiilee ijaarsa manneen dhuunfaafi dhaabbilee istaandaardii barbadaamutti fiduuf hojii hojjatameen jiijjaramni bu'uuraa dhufuu eeraniiru.

Magaalaan Nageellee Arsii guddina gama hundaan galmeessaa jirtuun diinagdee biyyaa keessatti gahee ol'aanaa taphataa jiraachuu kan ibsan 𝑲𝒂𝒏𝒕𝒊𝒊𝒃𝒂𝒂 𝑴𝒂𝒈𝒂𝒂𝒍𝒊𝒄𝒉𝒂𝒂 𝑶𝒃𝒃𝒐 𝑴𝒐𝒐𝒚𝒂𝒕𝒂𝒂 𝑾𝒐𝒍𝒅𝒆𝒆 hojiirra oolmaan istaandaardii ijaarsa manneen dhuunfaafi dhaabbilee egeree misooma koriidariif murteessaa ta'uu eeruun hojii hanga ammaa hojjatameen bu'aan qabatamaan argamaa jiraachuu ibsaniiru.

𝑰𝒕𝒕𝒊𝒈𝒂𝒂𝒇𝒂𝒕𝒂𝒎𝒂𝒂𝒏 𝑾𝒂𝒂𝒋𝒋𝒊𝒓𝒂 𝑬𝒋𝒆𝒏𝒔𝒊𝒊 𝑮𝒂𝒍𝒎𝒆𝒆𝒔𝒔𝒂 𝑺𝒊𝒊𝒗𝒊𝒍𝒊𝒊 𝑮𝒐𝒅𝒊𝒏𝒂 𝑨𝒓𝒔𝒊𝒊 𝑳𝒊𝒙𝒂𝒂 𝑶𝒃𝒃𝒐 𝑴𝒖𝒉𝒂𝒂𝒎𝒎𝒂𝒅 𝑨𝒈𝒂𝒓𝒐𝒐 gamasaaniitiin sochiin misooma koriidarii magaalichaa abdii dhalootatti kan h**e ta'uu ibsuun hojiirra oolmaa istaandaardii ijaarsa manneen dhuunfaafi dhaabbilee wolsimsiisuun murteessaa ta'uu ibsuun koreewwan hojiirra oolmaaf qindoominaan hojjataa jiran kan yeroo kamiiyyuu caalaa xiyyeeffannoo ol'aanaan hojjachuu akka qabu dhaamaniiru.

Fayyadamummaa hawaasa mirkaaneessuuf taateewwaan ragaalee bu'uura ammayyeessuun tajaajila hawaasummaa, misoomaaf gama di...
03/08/2026

Fayyadamummaa hawaasa mirkaaneessuuf taateewwaan ragaalee bu'uura ammayyeessuun tajaajila hawaasummaa, misoomaaf gama diinagdeen utubuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuun ibsame

[Adooleessa 27/2018~Kom.Magaalaa Nageellee Arsii]
Godina Arsii Lixaa Magaalaa Nageellee Arsiitti hojiilee qindoomina Waajjira Fayyaa Magaalichaa fi Ejeensii Galmeessaa Ragaa Siviilii Magaalichaa wajjiin ta'uun taatee raga bu'uura ammayyeessuun tajaajila hawaasummaa, misoomaaf gama diinagdeen utubuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuun ibsame.

Magaalichaatti taateewwan bu'uura ragaalee Siivilii ammayyaa'aa gochuuf ragaalee qulqullina qabu agachuuf akkasumas galmoota misooma itti fuufiinsa qabuu safaruuf migaaf dirqama hawaasaa fi ittigaafamummaa sirnaan beekuuf gaheen galmeessa siivilii olaanaa akka ta'e hubachuun xiyyeefannoon hojjachuun barbaachisaa ta'uun ibsameera.

Ittigaafatamaan Waajjira Ejensii Galmeessa Siivilii Godina Arsii Lixaa Obbo Muhaammad Agaroo Buufataa Fayyaa Magaalaa Nageellee Arsiitti argamuun taateewwaan shanan karaa ammayyaa'aa ta'een qabachuudhaan lammiileen fayyadamaa akka ta'aniif akkaataa mala tekinolojiin galmeessu irratti ogeeyyii sisteema misoome kana irratti gabbisuun hojii taateewwan galmeessa siivilii sirnoomsuun kenna tajaajila ummata ariifataa, dhaqqabamaa, qulqullinaa fi haqa qabeessa ta'e mirkaneessuu keessatti hubannoo akka qabataniif hojjatamuu akka qabu ibsaniiru.

Dhumaaratti Ittaanaa Kantiibaa fi Ittigaafatamaan Waajjiraa Daldalaa,Carraa Hojii Uumuuf Invastimantii Bulchiinsa Magaalaa Nageellee Arsii Obbo Abdii Huseen taateewwan bu'uura ragaa Siivilii hawaasummaa galmeessuun madda ragaa bulchiinsa, seeraa, istaatiksii fi haqaaf kan oolu qofa osoo hin taane ka'umsa ragaa karoora guddinaa fi misooma biyyaa, imaammata karoora misooma mootummaa qopheessuu keessatti ragaalee ammayyaa'aa karaa salphaan qopheessuu keessatti shoora olaanaa waan qabuuf karaa ammayyaa'een galmeessuuf xiyyeeffannoon hojjachuun murteessaa ta'uun ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa yeroo hundumaa argachuuf:
Odeeffannoo Dabalataa Argachuuf
Karaa Fuula Page Waajjiraatiin
https://www.facebook.com/NegeleArsiTownCommunication92gmail
TikTok channeliin keenya
https://www.tiktok.com/://www.tiktok.com/
Karaa YouTube channel immoo
https://youtube.com/ Like,Follow Subscribes gochuun
Telegram Channel Keenya Join, Subscribe Godha
https://t.me/kominikeshiiniimagaalaanageellee

03/08/2026
03/08/2026

Duula Dhaabbii Biqiltuu Ashaaraa Magariisaa Irratti Yaada Kutaalee Hawaasaa Bulchiinsa Magaalaa Nageellee Arsii

03/08/2026
Abdii Haa Dhaabnu!= = =Guyyaa har'aa Magaalaa Nageellee Arsiitti sagantaan Ashaaraa Magariisaa mata duree "Abdii Haa Dha...
03/08/2026

Abdii Haa Dhaabnu!
= = =
Guyyaa har'aa Magaalaa Nageellee Arsiitti sagantaan Ashaaraa Magariisaa mata duree "Abdii Haa Dhaabnu!" jedhuun hooggansa sadarkaan jiraniif qindoomina kutaalee hawaasaatiin dhaabbate.

Sagantaa dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoo miliyoona 800 akka biyyaatti qabame milkeessuuf Bulchiinsa Magaalichaattis guyyaa har'aa biqiltuun nyaataaf gaaddisaaf oolaan dhaabamuuf karoorfamee qaamolee hawaasaa adda addaa hirmaachisuun dhaabbiin karaa hawwataa ta'een gaggeefameera.

02/08/2026

Ashaaraan Magariisaa Wabii Dhalootati !

Yaa’ii Abbootii Seeraa Manneen Murtii Godina Arsii Lixaa taasifameen  Manni Murtii Aanaaf Magaalaa Nageellee Arsii badha...
02/08/2026

Yaa’ii Abbootii Seeraa Manneen Murtii Godina Arsii Lixaa taasifameen Manni Murtii Aanaaf Magaalaa Nageellee Arsii badhaaffamaa geebaa fi woraqaa ragaa ta'uun ibsame

[Adoolessa 26/2018~Kom.Magaalaa Nageellee Arsii]
Qorannoo raawwii hojiilee bara 2018tti Manneen Murtii Aanaalee Godina Arsii Lixaa taasifameen bu'aa raawwii ol’aanaa galmeessuun, Manni Murtii Aanaaf Magaalaa Nageellee Arsii sadarkaa 2ffaa dhaan xumuruun abbaa geebaa ta'uun sirni beekmtiif badhaasa taasifameef.

Pirezidaantii Mana Murtii Aanaaf Magaalaa Nageellee Arsii Obbo Hirphoo Irreessoo yaada kennaniin milkaa'inna raawwii hojiilee sadarkaa Godinaatti gaggeeffameen Manni Murtii Aanaaf Magaalaa Nageellee Arsii Arsii qindoominna qaamolee haqaa, hooggansa sadarkaa Aanaaf Magaalaa akkasumas miira xiiqii Abbootii Seeraa,koree Bulchiinsa Mana Murtii Aanaaf Magaalaa, hojjatootaa Mana Murtii hundaa fi kanneen biroo agarsiisaniin injifachuun kan danda'ame ta'uu ibsuun qaamolee milkaa'inichaaf gahee isaanii bahatan hunda galatoomfataniiru.

Ammas Baga Gammaddan ,Baga Gammanne!!

Odeeffannoo Dabalata Argachuuf
Kara Fuulaa Page Keenyaa Negele Arsi Town Communication Like,Follow gochuun
Telegram Channel Keenyaa Join, Subscribe Godha
https://t.me/kominikeshiiniimagaalaanageellee

Mata duree "Abdii haa dhaabnuu" jedhuun duula dhaabbii biqiloota Ashaaraa magaarisaa milkeessuuf dhaabbilee fi buufatale...
02/08/2026

Mata duree "Abdii haa dhaabnuu" jedhuun duula dhaabbii biqiloota Ashaaraa magaarisaa milkeessuuf dhaabbilee fi buufatalee garagaraa keessatti guyyaa boruu tokkuummaan dhaabuuf qophiin xumurame

Godina Arsii Lixaa Bulchiinsa Magaalaa Nageellee Arsiitti sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiltuuwwan miliyoona 6.7 akaakuu adda addaa buufatalee qophaayan irratti dhaabuuf qophiin duraa xumuramuun himame.

Ashaaraan magaariisaa wabii dhaloota boruuti kan jedhan Ittigaafatamtuun Waajjira Lafaa fi Eegumsa Naannoo Magaalichaa Aadde Abbaay Tafarii hegeree dhalootaa yaadama ashaaraa magaarisaan cimsuuf akka magaalatti buufataaleen biqiltuu sadi qophaaye irratti biqiltuuwwan akaakuu adda addaa miliyoona 6.7 dhaabuuf qophaayuu ibsaniiru.

Magaalichatti mata duree "Abdii haa dhaabnuu" jedhuun duula guyyaa tokkoo qofaan dhaabbii biqiloota Ashaaraa magaarisaa 246,500 ol milkeessuuf dhaabbilee fi buufatalee garagaraa keessatti guyyaa boruu karaa tokkuummaan dhaabuuf qophiin xumuramuus ibsaniiru.

Adresse

Democratic Republic Of The

Téléphone

+461160592

Site Web

Notifications

Soyez le premier à savoir et laissez-nous vous envoyer un courriel lorsque Negele Arsi Town Communication publie des nouvelles et des promotions. Votre adresse e-mail ne sera pas utilisée à d'autres fins, et vous pouvez vous désabonner à tout moment.

Raccourcis

Partager