29/10/2026
Qondaalli olaantuun Keeniyaa Rahimaa Didaa Jaldeessaa haasaa Faaraah Maalim faa jabeessanii qeeqan.
Magaalaan Mooyalee lafti taakkuun tokko kan Somaaliis Somaaliyaas akka hin taane Qondaalli olaantuun Keeniyaa Rahimaa Didaa Jaldeessaa ibsan.
Haasaa jibbinsaa Faaraah Maalim, Billow Kerrow fi Huseen Weytanitti mufachuu dubbataniiru.
Qondaalli kun akka jedhan, haasaan jibbiinsaa namoota siyaasaa kanaa qoqqoodinsa kan hammeessuu dha.
Haasaan namoota siyaasaa kanneenii uummata barootaaf waliin jiraataa yoona gahe gidduutti rakkoo kan uumu haasaa itti gaafatamummaa hin qabne fi waldhabdee babal'isu akka ta'e himan.
Rakkoo nageenyaa amma uumameen uummanni garmalee balaaf saaxilamuu qondaalli mootummaa Keeniyaa Rahimaa Didaa Jaldeessaa ibsan.
Dubartoonnii fi daa’imman hedduun walitti bu’iinsa itti fufaa jiru irraa kan ka’e qe’ee isaanii irraa buqqa’anii, yeroo ammaa Moyalee, Keeniyaa keessatti baqattummaa barbaadaa jiranin baay’ee gaddi natti dhaga’ama jedhan.
Rakkinni isaan keessa jiran qalbii kan nama cabsu akka ta'e ibsanii, isaan gara-laafina, eegumsaafi deeggarsa keenya argachuu qabu jedhan.
Obboloota keenya Moyalee Oromiyaa irraa nageenya fi tasgabbii barbaacha qe’ee isaanii dhiisanii baqachaa jiranitti kallattiin dhaamsa koo dabarsuu barbaada jedhan.
Lafti keessan dhaala abbootii keessanii, eenyummaa keessanii fi egeree keessani ittiin jedhan.
“Dachee abbootiin keessan irratti jiraatan, ijoolleen keessan irratti dhalatan, akkasumas jireenyi fi galiin keessan irratti hundaa’e dhiisuuf dirqamuun hammam akka nama gaddisiisu nan hubadha. Maatiin tokko illee walitti bu’iinsa irraa kan ka’e mana fi qe’ee isaa dhiisee baqachuuf dirqamuun sirrii miti” jechuun dubbatan.
“Abdii akka hin kutanne isinin jajjabeessa. Jaalala lafa keessaniif qabdan irratti jabaadhaa, hawaasa keessan waliin tokkummaa keessan cimsaa, gaddi har’aa abdii borii akka isin jalaa hin balleessine eeggadhaa” jedhan.
Lafa keenya eeguun uummata keenya eeguus ni dabalata. Aadaa keenya tiksuu, ijoollee keenya balaa irraa baraaruu fi dhaloota dhufuuf egeree gaarii mirkaneessuus ni gaafata jedhan.